Quantcast
Channel: SiiTube.com - BREAKING #Oromo and #Ethiopia News and Music Video - RSS Feed
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2098

ODF SPEAKS WITH QEERROO

$
0
0

May 25th - Radio Bilisummaa Oromoo

Dhaggeeffatoota RBO nagaan keenya kan kabajaa bakka irraa nu caqasaa jirtanitti isin ha gahu jechaa, sagantaa keenya kan guyyaa har'aa, Roobii, Caamsaa 25,2016 jalqabna.

Sochiileen ummatni Oromoo walii galatti guutuu Oromiyaa keessatti godhaa jiru, oduu howwaa kan Oromoota gidduu qofaatti mata duree tahee hafe qofa hin tahin oduu sadarkaa guutuu addunyaa tahee jira. Mootummaan TPLF/EPRDF abbaa irree garuu akka waan haalicha qabaneessee waan hundaayyuu to'annaa jalatti deebiseetti odeessuu eegaleera. Safuu fi saalfii malee soba adii qabatanii media dhuunfaa godhataniin ummatatti ololuun amaluma warraa yoo ta'eyyuu, sochiin tibbana godhame garuu soba isaanii addunyaatti waan saaxileef xiqqoo of qusataa sobuu laata kan jedhu tilmaamatu ture. Waan amala isaanii taheef kijiba irraa of qusachuun hafnaan ittiyyuu caalanii as bahaa jiru. Dhimma kana gad fageenyaan hubachuuf jecha qophii RBO har'aa keessatti keessummaa qaamaan biyya keessa jiraatee haala qabatamaa lafarra jiru sirnaan quba qabu qabannee dhihaannee jirra. Keessummaan keenya kun dargaggoo (qerroo) Boonaa Gadaa jedhama. Mareen nuti dargaaggoo Boonaa Gadaa waliin goone bal'aa waan taheef har'aaf kutaa tokkooffaa qabanee dhihaannee jirra. Turtii gaarii RBO waliin


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2098

Latest Images

Trending Articles



Latest Images