Quantcast
Channel: SiiTube.com - BREAKING #Oromo and #Ethiopia News and Music Video - RSS Feed
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2098

We no longer desire to live - Bekele Gerba - VOA Afan Oromo

$
0
0

Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee hoggana paartii Kongreesa Federaalistii Oromoo fi kanneen biroo waluumaa gala hidhamtoota digdamii torba haga ammaatti marsaa sadii sadiif mana murtii duratti dhiyeeffamu abuukaatoo isaanii kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa beeksisanii jiru.Marsaa arfaffaaf torban darbe yeroo dhiyaataniitti Obbo Baqqalaa Garbaa haala itti mana hidhaa Maakelaawwii keessatti itti qabamanii jiran kan ilaaleen akka sirreefamuuf mana murtii gaafatanii jiru.

Lafti oollee bullu, laftii itti Nyaannu, laftii kophee fi uffata ka’annu, halkana fincaan yoo nu qabe qodaan itti fincoofnee hanga ganama fincaaniif nu baasantis turfannu, laftii ciisuuf mitii quphanuuf itti gargaaramanuus tokkittii dha kan jedhan Obbo Baqqalaan mana murtiif akka ibsanti waan dhala namaa irratti rawwatamuu hin malle waan ta’eeef lubbuun jiraachuu hin fedhu jechuu isaanii abukaatoon isaanii ibsanii jiru.

Polisonni qorannoo gaggeessan garuu kun soba jechuun morman.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2098

Trending Articles